(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 4,2009) Gabaasaan jalqabaa akka University Hawaasaa irraa nu dhaqabetti Barattoonni Oromoo universitichaa sirni bittaa Wayyaanee miidhaa ummata Oromoo irraan gahaa jiru daranuu kan hammaataa dhufee fi dhabiinsa bilisummaa irraa sabi Oromoo guutuun dararamaa jiraachuun, shiroota diinni Oromoo irratti xaxxu, gandummaa,amantii fi lagaan saba keenya qooduuf shoora Wayyaaneen taphattu kan isaan aarse barattooti Oromoo Uni Hawwsaa hiriira mormii hardha ganamaa waxabajjii 4,2009 jalqabanii jiru.
Akeeki hiriira kanaa gochaa diiginsaa diinni ilmaan Oromoo amantaan, lagaan fi kutaan akkasumaas sabaoottan biyyattii keessaa waliin walitti buusuun umrii isaa dheerefachaa jiru kana mormanii fi tokkummaa keenya cimsannee diina keenyaan haa falminuu kan jedhuu fi miidhaalee ilmaan Oromoo fi walumaa gala ilma namaa irratti raawachaa jiru haadhaabatuu! Eenyummaan saba keenyaa haa kabajamuu! kan jedhu keessatti argama.
Hiriira haalaan guddaa tahe kana irratti shira diinni uumata Oromoo irratti raawachaa jiruu fi miidhaalee akkaan hadhaawaa fi jabaaa tahe gara garaa Oromoo irra ga'aa kan jiran akka dhaabbatuu fi hireen murteeffatnaa Oromoof akka kabajamu gadi jabeessanii akeekanii jiru. Barattooti Oromoo 3000 ol kanneen tahan mormii cimaa fi dhaadatnoo qabsoo bilisummaa Oromoo jajjabaa dhageessisaas turaniiru.
Gochaa shira diinaan qindeeffamee qabsoo sabooti bilisummaa, dimokraasii fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuuf godhamu dura dhaabbachuun miidhaa fi daba ilma namaa irratti raawwatamu kanaaf namootii fi qaamoti raawwatan akka seeratti dhiyaatan akeekanii ykn gaafatanii jiru.
MOA